Fana: At a Speed of Life!

Magaala Jimmaatti duulli qulqullinaa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti duulli qulqullina dhuunfaa fi naannoo gaggeeffameera.

Har’a ganama sa’aatii 12:00 irraa jalqabee gandoota magaalaa Jimmaa hunda keessatti duulli qulqullinaa qaamolee hawaasaa hunda hirmaachise gaggeeffamera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Magaalaa keenya qulqulleessuun iddoo jireenyaaf mijataa ni taasifna jedhan.

Qulqullina magaalaa keenyaa eeguun qaroomina waan ta’eef yeroo hundaa ciminaan kan hojjatan ta’uu mangufootni fi abbottin amantaa duulicha irratti hirmatan dubbataniru.

Magaalaan Jimmaa hirmaannaa ummatasheetiin qulqullooftuu, magariituu, miidhagduu fi misoomtee fakkeenya badhaadhinaa ni taasiifna jedhan

Duulichi torban torbaniin kan itti fufu tahuus ibsameera.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.