Fana: At a Speed of Life!

Magaala Jimmaatti Ayyaana Iid Al Faxir sababeeffachuun Oomishaaleen Qonnaa fi Indaastirii gatii madaalawaan dhiyaachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Magaala Jimmaatti Ayyaana Iid Al Faxir sababeeffachuun Oomishaaleen Qonnaa fi Indaastirii gatii madaalawaan dhiyaachuu Waajjirri Daldalaa magaalichaa ibseera.

Gabaan Ayyaanaa kun guyyoota 3’f kan turu ta’uu eerameera.

Ayyaana Iid Al Faxir sababeeffachuun daballii gatii mudachuu danda’u ittisuuf gabaan Ayyaanaa kun qophaa’uu Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa Magaalaa Jimmaa Obbo Hayidar Dirrib ibsaniiru.

Gatii madaalawwaan Oomishaalee bakka tokkotti argachuutti gammaduu jiraattoonni magaalichaa ta’uu himaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaa fi Na’imaa Shekalifaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.