Fana: At a Speed of Life!

Magaala Arbaa Mincitti hojiileen misoomni kooriidarii gaggeeffamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)- Magaala Arbaa Minci, miidhagduu, jireenyaaf mijattuu fi hawattuu taasisuuf hojiileen misooma kooriidarii Birrii miiliyoona 200 oliin gaggeeffamaa jiraachuu Manni Qopheessaa magalaattii beeksise.

Hojii Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalattii Gadaamuu Shaambal akka jedhanitti, misoomni kooriidarii gaggeeffamaa jiru, qabeenya magaalattiin umamaan badhaate beeksisuu fi filatamummaa ishee guddisuuf kan tumsuudha jedhan.

Misoomichi hawaasa hirmaachisuun gaggeeffamaa jiras jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalame sosochii “Magaalota qulqulluu olka’iinsaa Itiyoophiyaaf” magaalattiitti hojiilee misoomaa kooriidarii xiyyeeffannaa addaan gaggeessuu akka dandeessise dubbataniiru.

Misoomni kooriidarii kunis waldaalee 42 miseensota 700 ol qaban fayyadamtoota taasisuu eeramuu TOI gabaaseera.

Misoomni kooriidarii magaalattiitti gaggeeffamaa jiru kun guutummaatti wayita xumuramu magaalattii invastimantii fi tuuriizimiif daran filatamtuu akka taasisu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.