Fana: At a Speed of Life!

Maddisiisi Annisaa Balfaa Raphii Irraa deebiin humna guutun hojii eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Maddisiisi Annisaa Balfaa Raphii baatiiwwan lamaan dhufan keessa humna guutuun irra deebiin humna elektirikii maddisisuu kan eegalu ta’uun ibsame.

Hoji Gaggeessan Maddisiisa Humnichaa Biruuk Abeel, tarbaayinii humna maddisisuurra rakkoo qaqqabeen baatii Amajjii 2014 eegalee waggaa tokkoo oliif humna elektirikii utuu hinmaddisiisin turuu ibsaniiru.

Turtii kana keessattis balfa gubuun qulqullina magaala Finfinneef gumaacha taasisaa turuu kaasanii, Caamsaa 15, 2015 irraa eegalee tarbaayiniin rakkoo godhate suphamuun hojiitti seenuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan anniisaa elektirikii meeggaa waattii 12.5 maddisiisuu eegaluu dubbataniiru.

Balfa gara anniisaa elektirikiitti jijjiiruun rakkoolee Magaalaa Finfinnee furuuf Birrii biiliyoona 2.6’n kan ijaarame Maddisiisi Annisaa Balfaa Raphii sadarkaa yaaliin bara 2011 anniisaa maddisisuu eegaluun kan yaadatamuudha.

Balfa Magaalaa Finfinnee %50 ta’u gara anniisaatti jijjiiruun humna Meeggaa Waattii 25 maddisiisuu kan danda’u ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.