Fana: At a Speed of Life!

Maaykiroo Inveestimant Gruuppiin hongee godinaalee Booranaa fi Gujiitti muudateef deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise

Finfinnee, Amajjii 30, 2014  (FBC)- Maaykiroo Inveestimant Gruuppiin hongee godinaalee Booranaa fi Gujiitti muudateef deeggarsa marga beelladoota Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu taasiseera.

Dhaabbatichi godinaalee lamaaniitti sababa hongeetin miidhaa namaa fi beelladoota ga’aa jiru dandamachiisuuf marga beelladootaa fi daakuu daabboo Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsa taasifamees Abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaa godinaalee Gujii fi Booranaa bakka kan bu’aan addabaabaayii Masqalaatti argamuun duudhaniru.

Hoji gaggeessaan Maaykiroo Inveestimant Gruuppiii obbo Jamaal Ahimad deeggarsicha laataniiru.

Qonjit Zawdeetu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.