Fana: At a Speed of Life!

Maayik Hamarii fi Tirees Aan Jaakoobsan Ityoophiyaatti Garee Hordoffii Adeemsa Nageenyaa Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Adda Ameerikaa Maayik Hamarii fi Ityoophiyattii Dhimma Raawwachiistuun Embaasii Ameerikaa Tirees Aan Jaakoobsan Ityoophiyaatti Garee Hordoffii Adeemsa Nageenyaa Gamtaa Afrikaa waliin mari’ataniiru.

Garechi Maqalteetti adeemsa nageenyaa hordofuu, mirkaneessuu fi hojiilee komii dhaggeeffachuu kan hojjechaa jiruudha.

Kutaa Kaaba biyyattiitti walitti bu’iinsa mudate bakka duraattii akka deebi’uuf garecha dursaa kan turan Meejar Jeneraal Isteefan Raadiinaan waliinis Finfinneetti mari’achuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Nageenya waaraa naannawichatti akka mirkanaa’u gareen Gamtaan Afrikaa hundeesse gaheen bahachaa jiru dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.