Maatiin nu uume,barsiisaan garuu lubbuu nutti hore – Dooktar Tolaa Barisoo
Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) – Guyyaan barsiisotaa sadarkaa Oromiyaatti kabajamaa jira.
Maatiin eeyyama waaqayyoon nu uumanis barsiisonni garuu akka waa kalaqnu,waa beeknee biyya tajaajillu lubbuu nutti horu jedhan Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Barisoon.
Barsiisaan ogummaa hundaaf bu’ura ta’uu isaaniin kabaja guddaatu malaaf jedhan.
Barsiisonni akka duungootti ofii baqanii dhalootaaf ibsaa jiran rakkoo heddu keessatti ta’uun barattoonni beekumsaafi dandeettii barbaachisu akka goonfatan taasisaa jiraniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabaja guddaa qabaaf jedhaniiru.
Mootummaan humna qabu hundaan barsiisota cinaa dhaabbachuun rakkoo qaban hiikuuf yeroo kamuu caalaa kan hojjetu ta’uus eeraniiru.
Dooktar Tolaan Barsiisota bakka meeshaaleen barnootaaf barbaachisu hin guutamneetti of kennuun hojjechaa jiran hunda galateeffachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.