Fana: At a Speed of Life!

Maariyyeen Jaldeessaa dhibee yaaddessaa addunyaa ta’aa jira – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC) – Maariyyeen Jaldeessaa dhibee yaaddessaa addunyaa ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hubachiise.

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa saffisaan babal’achaa dhufuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa har’a laateen himeera.

Biyyoota 70 keessatti weerarichi mul’achuu ibseera.

Dhibichaaf talaalliin kan hin argamnee fi yaalli isaa Invastimantii olaanaa kan gaafatu ta’uu eereera.

Dhibicha haala salphaan yeroo gabaabaa keessatti biyya tokkoo biyya birootti tatamsa’uu kan danda’u dhibee balaafamaa ta’uu hubachiiseera.

Dhibicha ittisuu fi to’achuuf deebiin qindaa’aa biyyoota addunyaa kan barbaachisu ta’uu himeera.

Iboolaa fi Vaayirasii Koroonaatti aanee dhibee yaaddessaa ummata addunyaa ta’uu isaa ibseera.

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa vaayirasii ‘Mankiipooksi’ jedhamuun kan daddarbuu himeera.

Vaayirasichi namaa fi bineensota dhibichaan qabaman waliin wal tuttuquun kan daddarbu ta’uu eereera.

Dhibichi karaa gogaa qaamaa yookaa ijaan, Funyaanii fi Afaaniin gara qaama keessaa seenuu akka danda’u ogeeyyiin yaalaa ibsaniiru.

Maddi:- CNBC fi Arabian News

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.