Fana: At a Speed of Life!

Maaraatoonii Vaaleenshiyaan Atileeti Sisaay Lammaa fi Atileet Warqinash Daggafuu injifatan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Dorgommii Fiigichaa Maaratonii Vaaleenshiyaan dhiiraan Atileet Siisaay Lammaa, dubartotaan ammoo Atileet Warqinash Daggafuun injifataniiru.

Dorgommi har’aa gaggeeffame kanarratti Atileet Siisaay Warquu fageenyicha sa’aatii 2 fi daqiiqaa 1 fi sekoondii 48’n galuun dorgommicha 1ffaan xumureera.

Atileetiin Keeniyaa Aleksaandar Mutiisoo 2ffaan akkasumaas Atleetiin Itiyoophiyaa Daawwit Waldee 3ffaan xumuraniiru.

Dorgommicha dubartootaan Atileet Warqinash Daggafuu, Almaaz Ayyaanaa fi Hiiwot Gabirakidaan walhordofanii galuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.