Maanchuriyaan Darbii 195ffaa
Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) –Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 16ffaan kilaboonni masaanuun magaalaa Maanchisteer, Siitiifi Yuunayitid har’a yeroo 195ffaaf morkiin taasisan ni eegama.
Kilaboonni lamaan yeroo jalqabaaf bara 1881 morkii eegalan.
Tapha Maanchuriyaan darbiin yeroo 194 wal-arguun Maanchisteer Yuunayitid yeroo 79, Maanchisteer Siitiin ammoo yeroo 61 injifachuun yeroo 54 qabxii qoodataniiru.
Maanchisteer Yuunayitid keessatti bara umrii leenjisummaa Siir Aleex Farguseen olaantummaa fudhachuun miira darbii Maanchisteer Siitii keessatti qucarsuu kilaba guddicha Ingilaandi waancaan dabaalames ta’eera.
Haa ta’uu malee bara leenjisummaa Peep Gaardiyoollaa 2ffaa kan dhalate Maanchisteer Siitiin magaalaa Maanchisteeriifi kilaboota pirimeerliigii Ingilaandi biroorratti olaantummaa fudhateera.
Taphni Maanchuriyaan darbii har’a eegamu kilaboota miira masaanummaa cimaafi hamaan walitti fiduuf deemu kun Istaadiyeemii Itihaaditti taphatama.
Kilaboonni lameen daddaqama hamaa keessa jiraatanis tapha miira masaanummaan guutame kanaaf leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorim Ispoorting Liisban Waliin Shaampiyoosi liigii awurooppaa irratti Maanchister Siitii injifatees ture.
Maanchister Siitiin taphoota liigichaa shan dhiyeenya taphateen tokko qofa injifachuun ,tokko qabxii qooddatee sadii Injifatameera.
Maanchister Yuunaayitiid taphoota liigichaa Shan dhiyeenya taphateen Lama injifachuun, tokko qabxii qooddatee,lama injifatameera.
Miidhama taphattootaan rakkachaa kan ture Siitiin, taphoota 15 keessaa 8 injifachuun, 3 qixa bahuun, 4 ammoo mo’amuun qabxii 27n sadarkaa 5ffaa irra jira.
Dhiheenya kana leenjisaa jijjiiruun qabxii 19n sadarkaa 13ffaa irra kan jiru Yuunaayitid taphoota 15 taphate keessaa 5 qofa injifate.
Taphoota 4 qixa bahuun 6 moo’amuun, qabxii 19n sadarkaa 13ffaa irra jira.
Beellamni Maanchuriyaan darbii 195ffaan har’aa galgala sa’atii 1:30’tti walitti dhufaniif Peep Gaardiyoolaamoo Ruuben Amoorim tu mirgaan gala laata?.
Tasfaayee Ijjiguutiin
#Oromiyaa #Ethiopia