Fana: At a Speed of Life!

Maallaqoonni biyyyoota alaa seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 257 fi Warqeen Kiiloo Giraamni 6 ol to’atame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Maallaqoonni biyyyoota alaa seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 257 olii fi Warqeen Birrii miiliyoona 24 ol baasu Kiiloo giraamni 6 ol to’atameera.

Maallaqoonni biyyyoota alaa kumni 257 fi 150 fi Warqeen Birrii miiliyoona 24 fi kuma dhibba 3 fi kuma 39 baasu Kiiloo giraamni 6ol Finfinnee ka’uun Harargee Bahaa magaalaa Harar ga’uuf ture Keellaa Qarsaatti to’atameera.

Dhimmicha waliin shakkamtoonni lama to’atamuu ibsameera.

Doolaarri Ameriktaa kumni dhibbi 1 fi kumni 82 fi 675, Doolaarri Kaanaadaa kumni 5 fi 530, Paawundiin kumni 1 fi 800, Riyaaliin Saa’ud Arabiyaa kumni 67 fi 145 to’atamuu himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.