Maallaqoonni biyyoota garaagaraa fi baalli sammuu adoochu karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf ture to’atame
Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Maallaqoonni biyyoota garaagaraa fi baalli sammuu adoochu karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf ture Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiise.
Yuuroon kumni 44 fi 440, Doolaarri Ameerikaa kumni 11 fi 850, Paawundiin kumni 20 fi 480, Dirhaamiin kumni 3 fi 700, Riyaaliin Saa’ud Arabiyaa kumni 1 fi 700 fi Firaankiin Siwiiz 300 karaa seeraan alaa gara Dubaay ba’uuf ture shakkamtoota waliin to’atamuu ibseera.
Akkasumas Biraaziil Magaalaa Saa’oopooloo ka’uun karaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleen gara biyyoota garaagaraatti dabarfamuuf kan turen Daakuun Kookeeyinii Kiiloo Giraamni kumni 17 .90 lammiilee biyya alaa 3 waliin ta’otamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.