Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni osoo hin sassaabamin hafe Birriin biiliyoonni 15 argame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC) – Maallaqni osoo hin sassaabamin hafe Birriin biiliyoonni 15 argamuu gabaasni Bara baajataa 2014 Waajjira Oodiitara Muummee Federaalaa beeksiise.
Herreegni kuufamaan yeroo isaa eegee walitti hin qabamne manneen 131 keessatti waliigala Birrii biiliyoonni 15 fi miiliyooni 125 ol aramuu manni hojichaa beeksiseera.
Ministeera Fayyaa, Bishaanii fi Inarjii, Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii, Komishinii Poolisii Federaalaa, Komishinii hoggansa Sodaa Balaa fi Ministeera Barnootaa keessatti Kuufamni maallaqaa osoo walitti hin qabamanii hafan argamuu Ooditarri Olaanaan Masarat Daamxoon ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen akkaataa bu’uura qajeelfamaan maallaqa kana akka buusaanii fi kan walitti qabuu hin dandeenye ammoo qulqulleessuun tarkaanfii akka fudhatan ibsamuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.