Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni biyya alaarraa ergamuu Itiyoophiyaanota abbaa misooma kan taasisuudha-Obbo Maammoo Mihiratuu

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)- Itiyophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan maallaqni gara biyya isaaniitti ergan misooma biyyattii keesaatti dammaqinaan akka hirmaatanii fi abbaa misoomichaa kan taasisuun ta’uu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuun dubbatan.

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa moggaasaa “Daboo” jedhuun bakka baankonnii biyyattii argamanitti agarsiisaa gaggeesseera.

Waltajjicharratti appilikeeshiniin (unite.et) kan ifoome yoo ta’u herregaa sharafa alaa banuu fi maallaqa daddabarsuuf kan gargaaruudha jedhameera.

Herregaa sharafa alaa banuun lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa jiraatani fi dhalattoonni Itiyoophiyaa akkasumas lammiileen alaa biyya keessa jiraataan itti tajaajilamuu danda’u jedhameera.

Fooyyeessiin sharafa alaa dhiyeenya hojiirra oole bulchiinsaa cimaan hojiirraa oolaa akka jiruu fi bu’aa jajjabeessa galmeessuu dubbataniiru.

Hojmaata seeraan alaa adeemsicha keessatti mudatan teeknooloojiin tumsamuun to’achuu fi tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu eeraniiru.

Miseensonni Diyaaspooraa mana ijaaruu fi hojiilee garaagaraa sochoosuuf haalli mijeeffamuu kaasanii, Baankii Biyyaalessaa walta’uun Baankota 31tti liqiif kan oolu Birrii biiliyoona 100 qophaa’uu eeraniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gaabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.