Fana: At a Speed of Life!

Maallaqa fudhachuun karaa seeraa alaa gara biyya alaatti ergaa kan turan hoggantoonni fi hojjettoonni Immigireeshinii too’ataman

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) –Maallaqa fudhachuun karaa seeraa alaa gara biyya alaatti ergaa kan turan hoggantoonni fi hojjettoonni Immigireeshinii too’ataman.
Lammiilee karaa seeraan guutuu kan dadhaban maallaqa guddaa fudhachuun karaa seeraa alaa gara biyya alaatti ergaa kan turan hoggantoonni fi hojjettoonni Imigireeshinii akkasumaas, maqaa Ejansii seera qabeesa Hojjechiisaa fi Hojjetaa wal qunamsiisuun namoota socho’an too’atamuu Tajajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa beeksise.
Tajajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetif ergeen Ejansiin Galmeessaa Ragaalee Bu’uuraa fi Immigireeshinii Lammummaa damee buufata xiyaaraa idil addunyaa Boolee kan hojjetan hoggantootaa fi hojjetoota karaa seera qabeessaan namoota gara biyya alaatti erguuf kan hundaa’an ejansiiwwan hojjetaa fi hojjechiisaa walqunamsiisan waliin ta’uun adeemsa guutamuu qabu otuu hin guutiin namoota gara alaatti baasaa turan.
Tajajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa garee biiroo qorannoo yakkaa komishinii poolisii fedeeraa waliin ta’uun, namoota 21 gocha kanatti hirmaataniiru jedhe shakkaman too’achuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.