Fana: At a Speed of Life!

Maallaqa biyyaa baqfame deebisiisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Maallaqa biyyaa baqfame gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Alangee Waliigalaa beeksise.

Waggoottan darbanitti seeraan ala qabeenya burjaajjiin biyyaa baqfame gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jira jedhan Abbaan Alangee Waliigalaa Biraanuu Tsaggaayeen.

Namoota caasaa mootummaa keessa turanii fi isaan waliin hariiroo cimaa qabaniin qabeenyi biyyaa gara alaatti baqfamaa tureera jedhan abbaan alangichaa gabaasa baatii 11 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatif wayita dhiyeessanitti.

Qabeenya kanas deebisiisuuf biyyoota waliin waliigalamuu eeraniiru.

Koominikeeshiniin abbaa alangichaa obbo Zinaabuu Tulluun Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, seerri qabeenya yakkaan argame bulchuun ittiin danda’amu deeggaru akka hin jiraatin ibsu.

Daayreektoreetiin qabeenya alatti baqfame deebisiisu hindaa’uu ibsaniiru.

Bara 2011 qabeenya ummataa seeraan ala burjaajjiin kuufame Birrii miiliyoona 95 ol deebisiisuu ibsaniiru.

Baatiiwwan sadan darbanittis Birriin miiliyoonni 35 ol deebisiifamuu ibsaniiru.

Geetaasaw Yashiiwaastu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.