Fana: At a Speed of Life!

Maalaawiiitti Xiyyaarri Pireezidaantii Ittaanaa fi qondaaltota biroo 9 fe’e achi buuteen dhabame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)-Xiyyaarri Pireezidantii Ittaanaa Maalaawii Saawulos Chilimaa fi aanga’oota biroo sagal fe’ee ture achi buuteen dhabamuu Waajjirri Pireezidantii Biyyattii beeksise.

Xiyyaarri abbummaan isaa kan Raayyaa Ittisaa Maalaawii ta’ee erga magaalaa guddoo biyyattii Lilonguwee baheen booda raadaarii jalaa miliquun ibsameera.

Erga qondaaltonni aviyeeshinii xiyyaaricha qunnamuu hindandeenyeen booda pireezidantiin biyyattii duulli barbaachaa fi lubbuu baraaruu akka eegalu ajajaniiru.

Xiyyaarri kuni Kaaba biyyattiitti kan argamu Buufata Xiyyaaraa Mizuuzu ganama sa’aatii 4:00itti qubachuu qaba ture.

Xiyyaara kanarra haati warraa Pireezidantii Ittaanaa biyyattii Meerii akkasumas qondaaltonni paartii UTM akka argaman BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.