Fana: At a Speed of Life!

M-PESA’n Ityoophiyaatti tajaajila kennuu eegale

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Saafaariikom gama moobaayilaan tajaajila daddabarsa maallaqaa ‘M-PESA’ jedhamu eegaluu beeksise.

Dhaabbatichi eeyyaama tajaajilchaa Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaarraa argatee baatiiwwan sadiif yaaliirra erga turee booda tajaajila guutuu kennuu eegaluu ibseera.

Maamiltoonni Saafaariikom tajaajilichaan maallaqa biyyaa keessaa fi alaa daddabarsuu, bittaa fi gugurtaa raawwachuu, sa’aatii qilleensaa guuttachuu, lakkoofsa herrega baankii isaaniirraa gara M-PESAtti dabarsuu, M-PESA irraas gara herregaa baankiitti dabarsuuf kan dandeessisu ta’uun himameera.

Hoji Gaggeessaan Yeroo Dhaabbata Saafaariikoom Ityoophiyaa Istaanlay Njoroe akka jedhanitti, M-PESA’n Ityoophiyaatti moobaayilaan tajaajila daddabarsa maallaqaa eegaleera.

Dhaabbatichi jireenyaa maamiltootaa isaa salphisuuf tajaajilicha babal’isuuf kan hojjetu ta’uu ibsanii, tarsiimoo kaffaltii dijitaalawaa 2025 keessatti, hirmaannaa dijitaalawaa taasisuu fi innooveeshinii babal’isuuf gahee isaa kan bahatu ta’uu himuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.