Fana: At a Speed of Life!

Luwiis Naannii fi Niwaankuu Kaanuun Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Luwiis Naannii fi Niwaankuu Kaanuun Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliin mari’atan.

Marichaan boodas Luwiis Naaniin uffannaa addaa garee Kubbaa Miilaa Biyya isaa Poorchugaalirratti mallateessuun Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaaf kenneera.

Haaluma walfakkaatuun taphattoonni kunneen Humna Qilleensaa Itiyoophiyaatti daawwannaa taasisaniiru.

Wayita Qajeelcha Waliigalaa Humna Qilleensaa ga’anittis Ajaajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan kan simataman yoo ta’u, qajeelchichaattis daawwannaa taasisuu ragaan raayyaa ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Daawwannaa taasisanitti gammachuu itti dhagame kan ibsan taphattoonni kunneen seenaa Itiyoophiyaa hubachuuf kan gargareen ta’uu ibsan.

Simannaa taasifameefiin kabajaa fi jaalala ummanni argiisiiseefis galateeffataniiru.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaas ergama biyyaa eeguu cinaatti miidhaginaa moorichaa fi hojiilee misoomaa qonnaaf xiyyeeffannaa kenne kan dinqisiifatamu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.