Fana: At a Speed of Life!

Luuziyaanaatti hurrii cimaa mudateen Konkolaattoonni 150 ol walitti bu’an

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Ameerikaa kutaa Kibba Bulchiinsa Luuziyaanaatti sababa Hurrii cimaan daandii uwwiseen balaan Tiraafikaa hedduun daqiiqawwan keessatti mudachuu ibsameera.

Sababa kanaan Konkolaattoonni 150 ol walitti bu’uun lubbuun namootaa darbuu Meetiroon gabaaseera.

Balaa Ibiddaa mudateen Aarri naannawaa uwwisuu hordofee rakkoon kun uumamuu eerameera.

Konkolaattoonni 158 walitti bu’uun namoota 25 irraa miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.