Fana: At a Speed of Life!

Lubbuun deeggartoota Garee Kubbaa Miilaa Giinii 6 darbe

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)- Tapha Waancaa Afrikaan Giiniin Gaambiyaa injifachuu hordofee deeggartoota gammachuu isaanii ibsachuuf addabaabayyitti ba’an ja’a lubbuun darbuun gabaafame.

Taatee mudate hordofees Federeeshiniin Kubbaa Maalii Biyyattii fi taphataan urjii duraanii biyyattii Paaskaal Fiindoonoon, deeggartoonni akka tasgabbaa’aan waamicha dhiyeessaniiru.

Yeroo 15 tapha Waancaa Afrikaarratti kan hirmaatte Giiniin Gaambiyaa 1 fi 0’n injifachuun yeroo jalqabaaf ramadii ishee keessaa qabxii 4’n tapha mo’atanii darbuuf dhiyaachuun ibsameera.

Deeggartoonnis gammachuu isaanii ibsachuuf wayita addabaabaayitti ba’an walitti bu’iinsaa konkolaataa uumameen lubbuun deeggartoota ja’aa darbu BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.