Lubbuu gareen shororkeessitoota Shanee hanga ABUT rasaasa irratti roobsaniin hafte
Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Dargageetti Habtaam Daribaaw jedhamanti, jiraattuu magaalaa Waaldiyaati.
Habtaam dargaggeetti umri waggaa 16 fi barattuu kutaa 7ffaa yoo taatuu, naannoo Oromiyaatti iddoo maatiishee waliin jiraattuu dhiibbaa gareen shanee irratti raawwateen abbaan ishee lubbuun naaf haa haftuu jechuun gara Waaldiyaatti Akkooshee bira fidaniiru.
Qormaataf kan uumamtee hanga fakkatuutti Waldiyaatti ammoo garee shororkeessaa ABUT’tiin gudeedamuuf falmii keessaa seentee rasaasa sammuu fi miillasheerratti roobeen haala nama ajaa’ibsiisuun lubbuun ishee hafuu Habtaam ni dubbatti.
Dargaggeettiin kun akka dubbattutti, garee ABUT’tiin gudeedamuuf falmii keessaa galtee miliquuf yaaltuus rasaasa itti roobsuun yaalii ajjeechaa irratti raawwateera.
Habtaam lubbuun ooltuus rasaasa itti roobeen qaama miidhamtuu taateetti.
Gareen shororkeessaa ABUT magaalaa Waldiyaa wayita to’atee tureetti halkan tokkotti mana seenuun hiriiyyoota kiyyaa afuur gudeedeera jetti.
Halkan sanatti hin gudaadamuu jechuun baqachuu kootiif raasaa natti roobseera jechuun dubbatti.
Maddi:-DHPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.