Fana: At a Speed of Life!

Lotoriin lammiitu lammiif miiliyoonni 34 caasaalee mootummaa harkatti hafe

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Lotoriin lammiitu lammiif miiliyoona 40 keessaa miiliyoonni 34 caasaalee mootummaa harkatti hafuu isaa Dooktar Abarraa Dheereessaa himan.

Lammiilee Oromoo iddoowwan gara garaarraa buqqa’an gargaaruuf koreen qindeessituu gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu lammiiwwanii ijaaramee sochii adda addaa taasiisaa turee jira.

Koree guddicha jalatti koreewwan xixiqqoon 25 ta’an kan gurmaa’an yemmuu ta’u, isaan keessaa komii guddaan irratti dhiyaataa kan ture koree lotoriit.

Walitti qabaan koree deeggarsa buqqaatootaa Dooktar Abarraa Dheeressaa, Lotoriin Lammiitu Lammiif ummata bal’aa bira akka ga’uuf caasaaleen mootummaa filatamanis caasaaleen kunniin yeroo kaa’ametti lotorii gurgurameefi hafe addaan baasanii hingalchine jedhan.

Akka seera lotoriitti lotorii gabaaf dhiyaate keessaa tikkeettiin tokkollee alatti hafnaan carraa baasuun waan hindanda’amneef lotorichi yeroo qabameef keessatti akka hin baaneef raawwiin caasaalee mootummaa gufuu ta’ee jira jedhaniiru.

Tikkeettii lotorii miiliyoona 40 baayy’atee gurgurtaaf dhiyaate keessaa miiliyoonni 34 gama caasaalee mootummaatiin akka gurguramuuf kennamus hangi gurguramee fi hafe addaan bahee hin beekkamne jedhan Dooktar Abarraan.

Komiin ummanni turuu lotorichaarratti kaasu sirrii yemmuu ta’u, sababiin turuu lotorichaa immoo humna korichaatiin ol waan ta’eef kanaaf ittigaafatamummaa kan fudhatu mootummaadha jedhan.

Carraan lotorichaa gaafa mootummaan maallaqaa fi lotorii caasaasaa keessatti hafe korichaaf galche kan bahu ta’uus dubbataniiru.

Maallaqni lotorichaa caasaalee mootummaatiin ala gurguramee Birriin miiliyoonni 215 akkaawuntii cufaa keessa galuu isaa Dooktar Abarraan ibsaniiru.

Magaalaa Asallaa fi Godina Arsiitiin ala godinaalee Oromiyaa hedduun raawwii gurgurtaa lotorichaatiin sadarkaa gadaanaarratti kan argaman ta’uu fi godinni homaayyuu hingurgurre jiraachuu Walitti qabaan Koree Lotorii Lammiitu Lammiif Obbo Mootii Morodaa ibsaniiru.

Bulchiinsa Lotorii Biyyaaleessaatti daayreekteerri dhimmoota kominikeeshinii obbo Teewodiroos Niwaay, guyyaan bahumsa gaaffii dhiyaateerratti hundaa’uun seerumasaa eeggatee dheerachaa turuu eeranii, amma yeroo dhumaatiif Bitootessa 30 bara 2012 kan bahu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-DhPI

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.