Loon gatii boqolloo kuntaala tokkoo gadiin gurguraa jirra-Horsiisee Bultoota Booranaa
Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC)- Hongee godinichatti mudate hordofee hanqina margaa fi bishaaniin beeyladootni kan miidhaman ta’u kan himan horsiisee bultootni godinichaa loowwan hafan gurgurachuuf gabaatti baafnus gatii madaalu argachaa hinjirru jedhan.
Loon foyya’aan gabaa yoo argate Birrii kuma 2-4 yoo baasu, gatiin xiqqaan hanga Birri 500 ta’u himaniiru.
Beeyladoonni isaanii gatii baasuu dhabuun gabaatti gatanii hanga galanitti gahaa jirachuus eeran.
Hongee mudate hordofee gatiin Gaalaa gatii duraan baasu irraa walakkaan gadii bu’us himaniiru.
Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa jiruun beeyladoota nu harkatti hafan gurgurachuu hindandeenye kan jedhan, horsiisee bultoonni godinichaa hongeen maddiitti gabaa dhabuun miidhaa dabalataa ta’uu himaniiru.
Walitti hidhamiinsa gabaa umuuf dhaabilee barnoota ol’anoo fi godinaalee’f xalayaa barreessinuus hanga yaadame bu’aa hinfidne kan jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Godinichaa Obbo Huseen Hajjii, walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf tumsa qaamoolee dhimmi ilaalatu gaafataniiru.
Hongee godinichatti mudate hordofee, qabeenya beeyladaa miliyoona 7.2 keessaa miiliyoonni 3.3 ol du’uu ragaan argame ni mul’isa.
Muluu Waaqshuumeetu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.