Loogii malee amanamummaan filannoo ni raawwachiifna – Raawwachiiftoota Filannoo
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Raawwachiistoonni filannoo loogii malee amanamummaan filachiisuuf kutannoon kan hojjetan ta’uu beeksisan.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoreetti filannoo Wiixata dhufu gaggeeffamu milkeessuuf qophiin xumuramuu qindeessaan naannoo filannoo kofalee lakkoofsa 2 obbo Taaddasaa Morkaa himaniiru.
Aanichatti naannoo filannoo 1 fi buufataaleen filannoo 67 jiraachuu fi filattoonnii kumni 78 fi 28 galmaa’uu himaniiru.
Guyyaa har’aa meeshaaleen filannoo imalchiifamaa jiraachuu obboo Taaddasaan eeraniiru.
Raawwachiiftoonni filannoo meeshaalee filannoo fudhachaa jiranis loogii tokko malee filannicha filachiisuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.