Fana: At a Speed of Life!

Loltoota duraanii waraanaan dhaabuuf gaheen damee dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC) – Loltoota duraanii gara jireenya idileetti deebisuuf fi waaraan dhaabuuf tattaaffii taasiifamu keessatti tumsi damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksiise.

Dhimmicha ilaalchisee Mana Maree Damee Daldalaa Magaalaa Finfinnee waliin mariin gaggeeffameera.

Loltoota duraanii gara jireenya idileetti deebisuu fi waaraan dhaabuuf tattaaffii mootummaan taasiisu dabalataan tumsi damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan ibsaniiru.

Komishinichi hidhattoota kanneen waaraan dhaabuuf hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu kaasuun, deeggarsi hundaa barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Tattaaffiin komishinichaa akka milkaa’uuf tumsi hawaasa daldalaa daraan murteessaa ta’uu Ambaasaaddar Tashoomaan ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa hojiilee daldalaa fi Invastimantiirratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Pireezidaantiin Mana Maree Damee Daldalaa Magaalaa Finfinnee Masanbat Shanquxeen ibsaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamni hundi tumsa taasiisuu akka qaban gaafataniiru.

Dhimmi Nageenyaa fi deebisanii ijaaruu ajandaa waloo ta’ee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.