Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni saayinsii waraanaa fi ogummaa hoggansa olaanaa leenji’aa turan eebbifama

Finfinnee, Hagayya 17, 2012 (FBC)- Akkaadaamiin loltoota Meejar Jeneraala Hayaaloom Aarii’yaa saayinsii waraanaa fi ogummaa hoggansaan leenji’aasa ture itti aanaa ajaja dhiibbaatin eebbisiseera.

Jeneraal Biraanu Juulaa ebbicharratti hasawaa taasisaniin, ebbifamtoonni faayidaa biyyooleessa Ityoophiyaa eegsisuuf nageenya hawaasaa eeguun akka irraa eegamu yaadachisaniiru.

Ityoophiyaa yeroo ishee jalaatii qisaasee bakka buusuun, misooma eegalte, imalaa nageenyaafi demokiraasii itti fufsisuu fi kununsuuf loltoonni kunneen qophii ta’uu jeneraal Biraanuu ibsaniiru.

Ajajaan Akkaadaamii loltoota Meejar Janaraal Hayaaloom Aarii’yaa meejar jeneraal Taaddasaa Makuriyaa, ebbifamtoonni yeroo 13ffaaf barnoota ogummaa hooggansa olaanaa fi leenjii waggoota lamaaf fudhataan xumuruun, barnoota sadarkaa digrii fi itti aanaa ajaja dhiibbaatiin eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarratti hooggansi bulchiinsa magaalaa Holaata, hoggaansi olaanoo Jeneraala, miseensota waraanaa, maatii eebbifamtoota fi keessumoonni waamichi taasifameef irratti argamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.