Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaaf lolaa jiran du’aa fi madoof saaxilamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee,Mudde 9, 2017 (FMC) – Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa tumsuun Yuukreen waraanaa jiran du’aa fi madoof saaxilamaa jiraachuu Ameerikaan beeksifte.

Raashiyaan bulchiinsa Kursik to’achuuf Loltootaa Kooriyaa Kaabaa bobbaasuu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zalaniksiin tibbana ibsanii turan.

Loltoonni kunneen naannawichatti miidhaa olaanaa keessummeessaa jiraachuu Aanga’aan olaanaan Waraanaa Ameerikaa beeksisaniiru.

Hanga loltoota miidhamanii fi odeeffannoo bal’aa ta’e kennuu baatanis loltoonni Kooriyaa Kaabaa kunneen waraanicharratti cimaa ta’anii hin argamne jedhani aanga’aan waraanaa Ameerikaa kun.

Loltoonni 200 ta’an du’uu fi madaa’uu AP’n gabaaseera.

Erga loltoonni Kooriyaa Kaabaa kuma 10 ta’an Raashiyaa tumsuun Yuukreen lolaa jiran jedhamee as miidhaan loltoota kanneenirra gahuu yeroo jalqabaaf ibsame.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa harki caalu waraana lafoon lolarratti hirmaachaa jiraachuu Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa fi Waayit Hawus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.