Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni Ameerikaa Iraaqitti argaman xumura bara kanaa guutumaan guutuutti biyyattii gadi dhiisanii kan ba’an ta’uu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Loltoonni Ameerikaa Iraaqitti argaman xumura bara kanaa guutumaan guutuutti biyyattii gadi dhiisanii kan ba’an ta’uu Preezdaantiin Ameerikaan Joo Baayidan ibsaniiru.
Ameerikaan xumura bara kanaa ergama Iraaqii qabdu ni xumurti jedhan.
Loltoonni Ameerikaa loltoota Iraaqiif hojii gorsaa fi leenjii laachuu itti fufu jedhan.
Baayidan ibsa kana kan laatan Muummee Ministiraa Iraaq Musxafaa Al Kaadii’iimiin ‘Waayit Hawusitti’ yaamuun erga mari’atanii booda ta’uu ibsameera.
Yeroo ammaa Loltoonni Ameerikaa kumni 2 fi 500 Iraaq keessatti ni argamu jedhame.
Ameerikaan bara darbe Jeneraal Olaanaa Iraaq Qaasiim Suleeymaanii haleellaa Xiyyaaraa nama maleessaan magaalaa Baagdaadiitti erga ajjeftee booda Loltoonni Ameerikaa biyyattii akka ba’an dhiibbaan taasiifamaa tureera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.