Fana: At a Speed of Life!

Lolaa Keeniyaatti muudateen lubbuun namoota 200 darbe

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Keeniyaatti roobni cimaan roobuun lolaa fi mucucaa lafaa muudateen lubbuun namoota 200 darbeera.

Balichaan kanneen lubbuun darbeen alatti namoonni kumni 100 ta’an qe’ee fi qabeenyasaanirra buqqa’aniiru.

Kanarra darbees oomisha lafa heektaara heedduurra jiran balleessuu mootummaan biyyattii beeksiseera.

Baatii daarbeerraa eegaalee roobuu kan jalqabee roobni cimaan kun torbanootaaf itti fufa jedhameera.

Hidhi eelektirikaa Haaydiroo lama dhoo’uu ni danda’uu jechuunis sodaa uumeera.

Kanaafis lammiileen naannoo hidhichaa jiraatan bakkicha gadi lakkisuun iddoo ol ka’aarraa akka jiraatan taasisuufi jedhamee.

Biyyattitti lubbuu namoota 26 kan galaafatee vaayrasii koroonaa ittisuuf taattaffi taasifamuuf balichi rakkoon akka uumu mootumaan Keeniyaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.