Fana: At a Speed of Life!

Lola Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 2 fi 800 olii darbuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) – Lola Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 2 fi 800 olii darbuu gabaafameera.

Gama lamaaniinuu Lammiileen kumni 9 fi 800 ol ammoo madaa’uu eerameera.

Lammiileen Filisxeem kumni 1 fi 537 yoo ajjeefamen, kumni 6 fi 612 ammoo madoof saaxilamaniiru jedhame.

Lammiileen Isiraa’eel kumni 1 fi 300 ol yoo ajjeefaman, kumni 3 fi 200 ol miidhaa qaamaaf saaxilamuu eerameera.

Gaazaatti lammiileen kumni 423 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun rakkoof saaxilamuu dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii ifoomseera.

Lammiileen Filisxeem Kaaba Gaazaa keessa jiraatan miiliyoona 1.1 ta’an sa’aatii 24 keessatti Gaazaa keessaa akka ba’an Isiraa’eel ajaje dabarsuun kan yaadatamuudha.

Maddi:- BBC, Aljazeera, CNN, CGTN

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.