Fana: At a Speed of Life!

Liyooneel Meesiin Ityoophiyaatti duula kutaalee hawaasaa qaroo dhabeeyyii deeggaruuf taasifamutti makame

Finfinnee, Amajjii 8, 2015(FBC)- Taphataa Urjiin Garee Biyyaalessaa Arjentiinaa Liyooneel Meesiin Ityoophiyaatti duula kutaalee hawaasaa qaroo dhabeeyyii deeggaruuf taasifamutti makamuu beeksise.

Liyooneel Meesiin ergaa gama miidiyaa hawaasummaan dabarseen, Ityoophiyaatti duula kutaalee hawaasaa qaroo dhabeeyyii deeggaruuf taasifamutti makamuuf Teekinooloojii “Oorkaam” waliin tumsaan hojjechuuf waliigaluukootti nan gammada jedheera.

Teekinooloojiin Oorkaam jireenya qaroo dhabeeyyii kumaatamatti lakkaa’amanii fooyyessaa jiraachuu eeruun, teekinooloojichi qaroo dhabeeyyiin abjuusaanii akka milkeessaniif kan isaan gargaaru ta’uu ibseera.

Waajjirri Giiftii Duree kanaan dura manatsarii qaroo dhabeeyyii gargaaru “Oorkaam Aayi “ jedhamu qaroo dhabeeyyii kuma 2’f kennuun isaa kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.