Fana: At a Speed of Life!

Lixa Oromiyaa giddu gala misoomaa, nageenyaa fi sirna cimaa taasiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Wallaggi keessi isaa Warqee fi Ancooteen, irra isaa ammoo Bunaan kan badhaadhedha jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Godina Qellem Wallagaa Aanaa Laaloo Qileetti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaa eegalchiiseera.

Injifannoo ummataa waaressuu, fedhii fi faayidaa ummataa mirkaneessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Lixa Oromiyaa giddu gala misoomaa, nageenyaa, sirna cimaa, hayyootaa fi jijjiiramaa taasiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Pireezidaanti Shimallis,Ummanni biqiltuu sirnaan dhaabuun kunuunsa barbaachisu akka taasiisu waamicha taasiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.