Fana: At a Speed of Life!

Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee lammiilee buqqa’aaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) –Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee lammiilee buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 17 olitti tilmaamamu laateera.

Meeshaalee deeggarsaa kunneen kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundaarraa walitti qabamuu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Obbo Mallas Alamuu, dargaggoota ummata miidhame deeggaran kanneen galateeffataniiru.

Deeggarsichaan meeshaalee nyaata, uffataalee, meeshaalee mana keessaa, meeshaalee fayyaa fi barnootaa kanneen biroon keessaatti haammatamaniiru.

Deeggarsichi naannolee Amaaraa fi Affaariitti lammiilee garee shororkeessaa ABUT’n buqqa’aan ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.