Fana: At a Speed of Life!

Liibiyaatti walitti bu’iinsa hammaachaa dhufeen baqattoonni rakkoof saaxilaman

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Liibiyaatti walitti bu’insa hammaachaa dhufeen baqattoonni rakkoo cimaaf saaxilamuun himame.

Falmitoonni mirga namoomaa Liibiyaatti walitti bu’insa hammaachaa dhufeen baqattoonni kuma 6 fi 36 rakkoo hamaaf saaxilamuu isaanii ibsaniiru.

Baatii Adoolessaa darbe buufata baqatoota Liibiyaatti argamu miidhaa xiyyaaraan qaqqabeen namoonni 50 lubbuun darbuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibseera.

Mahaammad Gaadaafiin ajjeefamuun erga humnaan aangorraa gaggeeffamaniin booddee Liibiyaan walitti bu’iinsa waliin waliinitti seentee jirti.

Rakkoo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa hamaa keessa jirti.

Rakkina kana furuuf giddu galummaa preezdaantii Raashiyaa Vlaadmiir Puutiinii fi gitni isaanii Tuurk Rasiip Xayib Eerdoohaan baatii tokko dura waliigateen dhukaasa dhaabuu akka hojiirra oolu waliigalchaniit turan.

Haata’uutii, biyyattiin yeroo ammaa kana wal waraansa waliin waliinii garee hidhattoota garagaraa fi humnoota alaan miidhamaa jirti.

Kanumarraa ka’uun baqattoonni biyyattii keessa jiran rakkoo hamaaf saaxilamuun isaanii himameera.

Maddi:- Aljaziiraa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.