Fana: At a Speed of Life!

Liibiyaatti namoonni kuma 2 fi 300 balaa lolaan du’an

Finfinnee, Fulbaana 1, 2016 (FBC)-Liibiyaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota kuma 2 fi 300 darbuun gabaafame.

Har’a roobaa cimaa bubbee makatee roobeen balaan lolaa biyyattiitti mudate, miidhaa lubbuu fi qaamaa dabalatee mancaatii qabeenyaa qaqqabsiisuu BBC’n gabaaseera.

Keessumaa magaalaa buufata doonii kan taate Dernaatti hidhoonni lama diigamuun lolaa uumameen mancaatii olaanaan qaqqabuun himameera.

Hanga ammaatti balichaan namoonni kuma 10’tti tilmaamman achi buuteen isaanii dhabamuun ibsameera.

Magaalaa Dernaa qofaatti namoonni balichaaf saaxilaman kuma 1 yoo baraaraman, walakkaan magaalattii diigamuun lolaan fudhatamteetti jedhame.

Sababa walmorkii aangoo morkattootaa biyyattii gidduu jiruun hojjettooni lubbuu baraarsaa deebii ariifataa kennuu dhabuun qeeqqamaan kan jiran yoo ta’u, biyyoonni akka Ijibti, Iraan, Turkii, Aljeeriyaa, Xaaliyaanii fi Emereetonnii Araba Gamtoomanii garuu deeggarsaan birmachaa jiraachuun himameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.