Fana: At a Speed of Life!

Liibaanositti nageenya lammiileef xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira-MDhA

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Liibaanositti nageenyi lammiilee balaarra akka hinbuune xiyyeeffannaan duraa kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Miniteerichaa Ambaasaddar Nabiyaat Geetaachoon ibsa kennaniin, muddama Liibaanositti mudate hordofee dippilomaasii lammiileerratti xiyyeeffateen, nageenyaa lammiileef xiyyeeffannaa olaanaa kennamee hojjetamaa jira jedhan.

Koreen Biyyaalessaa hundeeffamee fi Qonsilaa Libaanos waliin ta’uun hanga ammaatti lammiileen 51 gara biyyaatti deebisuun akka danda’ame kaasaniiru.

Lammiilee rakkoof saaxilamanii fi gara biyyaatti deebi’uuf fedhii qaban kumni 3 galmaa’uunis beekamuu himan.

Kana malees, lammiileen libaanos naannawaa nageenya fooyya’aa qabanitti akka jijjiiramaniif hojjetamaa jiraachuu kaasanii, lammiileen balaarra akka hinbuuneef hojiilee hojjetamaa jiran cimsuu fi saffisisuuf jilli hoggantoota garaagaraa hammate garasitti imaluus dubbataniiru.

Wubirsiit Tasammaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.