Fana: At a Speed of Life!

Libaanoos Gaazaa biraa akka taatuuf hin eeyyamnu-DhMG

Finfinnee, Fulbaana 11, 2017 (FBC) –Libaanoos Gaazaa biraa akka taatuuf eeyyamuu hin qabnu jedhan Barreesaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez.

Antooniyoo Guutareez Waraanni Israa’eelii fi Hezboollaa giddutti gaggeeffamaa jiru dhaabbachuu akka qabu turtii ‘Arab News’ waliin taasisaniin dubbataniiru.

Erga waraanni Gaazaa eegalee namoonni hedduun rakkoo cimaaf saaxilamuu yaadachisuun, waraanni kun dhaabbachuu akka qabu akeekaniiru.

Haleellaa Onkoloolessa darbe Hamaas Kibba Israa’eelitti raawwate kan balaaleffatan Antooniyoo Guutareez, haleellaa haaloo ba’uu Israa’eeliin Ummanni Filisxeem adabamuu hin qabu jedhaniiru.

Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii irra deddeebiin waamicha dhukaasa dhaabuu gaafatus fudhatama kan hin arganne ta’uus kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.