Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaan garee kubbaa miilaa magaalaa Dirree Daawaa gaggeeffaman

Finfinnee, Amajjii 26 2012 (FBC) – Priimiyar liigii Ityoophiyaan sadarkaa dhumaa irratti kan argamu gareen kubbaa miilaa Dirree Daawaa leenjisaa isaa Simi’oon Abbay gaggeesseera.

Bakka isaanii itti aanaa leenjisaa kan turen Fissahaa Tsi’uumalsaan leenjisaa yeroo ta’uun filatamaniiru.

Gareen kun taphoota 12n darban irraa qabxii 36 osoo argachuu qabuu qabxii 13 qofa argachuun sadarkaa 15 irratti argama.

Tapha marsaa 13ffaa liigichaan Dilbata dhufu dirree isaa irratti Sihuul shiree kan keessummeessu ta’uu ragaan fuula garichaa irraa argame ni mul’isa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.