Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaan garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Poorchugaal garichaan adda bahan

Finfinnee, Mudde 7, 2015 (FBC) – Leenjisaan garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Poorchugaal Fernaandoo Saantoos garichaan adda ba’uu ibsame.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Poorchugaal tapha Waancaa Addunyaa 22ffaan Moorokoon goolii 1 fi 0n injifatamuu hordofee hojiirraa gaggeeffamuu isaanii himameera.

Waggoota saddeettan darbaniif garicha leenjisaa kan turan Saantoos bara Faranjootaa 2016 garicha Shaampiyoonaa Waancaa Awurooppaa taasiisanii turan.

Akkasumas Neeshiin Liigii Awurooppaa bara 2018/19 injifataniiru.

Federeeshiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Poorchugaal waggoottan saddeettan darbaniif gumaacha Saantoosii fi gareen Teeknikaa isaanii garee Kubbaa Miilaa Biyyattiif taasiisan galateeffateera.

Federeeshinich yeroo itti aanu leenjisaa bakka Saantoos bu’u ni filataan eegama jedhameera.

Maddi:-BBC Sport

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.