Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaa Gaareez Saawuuzgeet taphattoonni isaanii of eeggannoon akka taphatan akeekkachiisan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC) – Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Ingilaandi Gaareez Saawuuzgeet tapha Waancaa Awurooppaan Ispeen injifachuuf gareen isaanii of eeggannoon akka taphatan akeekkachiisaniiru.

Yeroo 2ffaaf tapha xumuraaf kan geesse Ingilaandi Dilbata dhufu, Shaampiyoonaa yeroo 3 Waancaa Awurooppaa Ispeen waliin morkatti.

Tapha xumuraa kanarratti Garee Kubbaa Miilaa Cimaa Ispeen injifachuun seenaa akka hojjetan Leenjisaa Gaareez Saawuuzgeet taphattoota isaanii akeekkachiisaniiru.

Gareen Ingilaand tapha xumuraa Waancaa Awurooppaa Dilbata dhufu taphatamurratti Ispeen mo’atee waancaa fudhachuuf ”waan hundaan guutuu ta’ee argamuu qaba,” jedhan.

Bara Faranjootaa 2016 Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ingilaandi leenjisuu kan eegalan Gaareez Saawuuzgeet, bara kana ga’umsaa gaariirratti argamuu baatanis osoo hin eegamne tapha xumuraaf gahaniiru.

Ingilaandi tapha xumuraa waancaa Awurooppaa16ffaa bara Faranjootaa 2020 Landan, Istaadiyeemii Weembiliitti taphatamerratti Xaaliyaaniin injifatamuun Waancaa dhabuun kan yaadatamuudha.

Ispeen Bara Faranjootaa 1964, 2008 fi 2012 Shaampiyoonaa Waancaa Awurooppaa taaterti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.