Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin walitti bu’iinsa ittisuurratti kenname ergama nageenya kabachiisuu ga’umsaan bahachuuf tumsa-B/J Sabsibee Dhuubaa

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Leenjiin walitti bu’iinsa ittisuurratti kenname ergama nageenya kabachiisuu ga’umsaan bahachuuf hubannoo kan gabbise ta’uu Giddugalaa Nageenya Kabachiisaa Raayyaa Ittisaatti Ajajaan Dhaabbata Nageenya Kabachiisaa Idil Aduunyaa Birgaader Jeneraal Sabsibee Dhuubaa ibsan.

Giddugala Nageenya Kabachiisaa Raayyaa Ittisaatti Dhaabbanni Nageenya Kabachiisaa Idil Adduunyaa, walitti bu’iinsaa boodaa dandamachuurratti mootummaa jaappaanii fi Dhabbataa Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Misooma Addunyaa leenjii waloon qopheessuun kennamaa ture xumurameera.

Miseensonni raayyaa fi poolisii Ityoophiyaa dabalatee, Naayijeeriyaa, Eertiraa, Somaaliyaa, Jibuutii, Sudaan Kibbaa fi Ugaandaarraa akkasumaas waldaaleen siviilii baba’an leenjicharratti hirmaataniiru.

Birgaadar Jeneraal Sabsibeen akka eeranitti, leenjichi nageenyaa Afrikaa fi ergamaa nageeyaa kabachiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ga’umsan bahachuuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Leenjitoonni, hojii dandamannaa walitti bu’iinsaa, ka’umsa walitti bu’iinsaa fi walitti bu’iinsa akkaataa furanirratti hubannoo argachuu ibsaniiru.

Hubannoo leenjichaan argame bu’a qabeessa taasisuuf leenjitoonni damee bobba’anirratti gahee gama isaanii bahachuu akka qaban hubachiisuu Ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Gorsaa Olaanaan Dhaabbataa Nageenyaa Kabachiisaa Idil Addunyaa Leetenaal Koloneel Uraakaamee Nuuraash gama isaaniin, Ityoophiyaan ergama nageenya kabachiisuu dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessumaa naannawaa Gaanfa Afrikaatti nageenya mirkaneessuuf gahee olaanaa bahachaa akka jirtu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.