Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin tarsiimoo Qonnaarratti Qonnaan fi Horsiisee bultoota miiliyoona 5 fi kuma180 oliif kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Leenjiin tarsiimoo Qonnaarratti Qonnaan fi Horsiisee bultoota miiliyoona 5 fi kuma180 oliif guyyoota shanan darbaniif Aanaalee 301 keessatti kennamaa ture xumurame.

Gandoota kuma 6 fi 332, Bufataalee kuma 20 fi 776 keessatti guyyoota shanan darbaniif kennamaa ture xumuramuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera..

Leenjichi hojii qonnaarratti karoora guddaafi hiixataa imala badaadhinaa yeroo gabaabaatti milkeessuuf qabame galmaan gahuu karaa dandeessisuun kennamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Obbo Geetuun qaamolee sadarkaan jiran leenjichi akka milkaa’uu qooda isaanii bahan hunda galateefffachuu ragaan biirichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.