Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin tajaajila tola ooltummaa dargaggoota biyyaalessaa marsaa 4ffaan eegalame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Leenjiin tajaajila tola ooltummaa dargaggoota biyyaalesssaa marsaa 4ffaan Yuunivarsiitii Waachaamootti jalqabeera.

Sagantichaa kan jalqabsiisan Deetaan Ministiraa Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan tajaajila tola ooltummaatiif sammuu qulqulluun qofti gahaadha jedhaniiru.

Tajaajilli wayita jalqabu tokkummaa biyyaa cimsuu walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu fi dhaloota tola ooltummaan hawaasa tajaajilu uumuudhaaf yaaddamee ta’uu eeran.

Tola ooltonni baranaas leenji’uuf jiran tola ooluun bu’aa akkamii akka qabu ni hubatu jedhaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Waachaamoo Doktar Haabtaamuu Abbabaa yuunivarsiitichi tola ooltota leenjisuun, biyyaaf bu’aa akka buusuuf carraadha jedhaniiru.

Leenjiin kennamu kun guyyoota 45 kan turu ta’uun eerameera.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.