Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin nageenya Ityoophiyaa mirkaneessuu dandeessisu kennamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 26,2014 (F)- Leenjiin nageenya Ityoophiyaa mirkaneessuu dandeessisu kennamuu Tajaajilli Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilichi leenjii guyyoota afuriif gaggeessaa ture xumureera.

Leenjichi dhimmoota yaaddoo nageenyaa fi carraawwan gaarii akkasumas odeeffannoowwan nageenyaa waqtaawoo biro idil addunyaa, naannawaa, biyyaalessaafi dhaabbatichaarratti kennamuu eerameera.

Leenjichaan naannawaa Afrikaa Bahaa yaaddoon nageenyaa itti qiyyeeffatee jiru keessatti galteewwan nageenya Ityoophiyaa mirkaneessuu dandeessisan argamuu ibsameera.

Leenjichi teeknooloojiiwwan addaa addaa bobbiiwwan garaagaraaf oolchuuniifi  yaaddoo nageenyaa sadarkaa olaanaan hambisuuf qophiin kan itti taasifame akkasumas kallattiin fuulduraa kan itti kaa’ame ta’uu eerameera.

Xumura leenjichaatti mooraa Kolleejjii Yuunvarsiitii Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa keessatti sagantaan biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabuu gaggeeffamuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.