Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin hooggansa sadarkaa Naannoo, Godinaa, Magaalaa fi Aanaa guyyoota 4’f kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Leenjiin hooggansa sadarkaa Naannoo, Godinaa, Magaalaa fi Aanaa hirmaachisuun mata duree ‘dhugaa waloo, kalaqaa fi ariitii’ jedhuun guyyoota 4’f kennamaa ture har’a xumurameera.

Kalaqaafi ariitiidhaan hojjachuudhaan imala badhaadhinaa dhugoomsuuf gahee isaanii adda durummaan kan bahan ta’uu hooggantootni Paartii Badhaadhinaa giddu gala leenjii Shaashamanneefi Jimmaa irratti hirmaatan ibsaniiru.

Leenjitootni giddu galoota leenjii Shaashamannee fi Jimmaa irratti qooda fudhatan hubannoo leenjichaan argatan hojiitti hiikuudhaan karoora xiiqii bara 2016fi mul’ata imala badhaadhinaa galmaan gahuuf kalaqaafi ariitii ol’aanaan kan hojjatan ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.