Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Dargaggoota Tola Ooltotaa marsaa 6ffaan Bitootessa 4 ni eegala jedhame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Leenjiin Dargaggoota Tola Ooltotaa marsaa 6ffaan Bitootessa 4 kan eegalu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan, leenjicharratti dargaggoonni kutaalee biyyattii garaagaraarraa walitti babba’an kumni 15 ol kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.

Dargaggoonni kunneen leenjicha erga fudhataniin booda kutaalee biyyattii garaagaraatti bobba’uun dameelee garaagaraarratti tajaajila kan kennan ta’uu ibsaniiru.

Leenjichi baatii tokkoof kan turu yoo ta’u carraa hojii uumuu, dhimmoota xiin sammuufi kanneen biroorratti kan xiyyeeffate ta’uu addeessaniiru.

Leenjichi yuuniivarsiitiiwwan Jimmaa, Baahirdaar, Waachaamoo fi Walaayittaa Sooddootti kan kennamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.