Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin dargaggoota mata duree ”Gahee dargaggootaa nageenya biyyaaf” jedhun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Leenjiin dargaggoota mata duree ”Gahee dargaggootaa nageenya biyyaaf” jedhun gaggeeffamaa jira.

Leenjiichi dargaggoota godinaalee fi magaaloota Oromiyaarraa dhufaniif Magaalaa Adaamaatti kennamuu eegaleera.

Itti aanaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoorti Oromiyaa fi Itti gaafatamaan damee dargaggootaa obbo Kadir Indaalkachaw leenjin kun hanga sadarkaa gandaatti dargaggoota miiliyoona 3’f kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon leenjii kanaas sakkata’iinsa ga’ee dargaggootaa hawaasa ammayyaa fi duudhaa aadaa Oromoo bu’uura taasifachuun kan qophaa’e waan ta’eef, nageenya waaraa fiduuf gaheen dargaggootaa olaanaadha jedhan obbo Kadiir.

Nageenya biyyaa kabachiisuuf ga’een dargaggootaa olaanaadha jedhaniiru.

Leenjiin kennamu eegalee kun guyyoota lamaan itti aananiif kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.