Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin bulchiinsa lafaa fi bulchiinsa itti fayyadamaa lafaa magaalaa Adaamaatti laatamaa ture xumurame

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)- Leenjiin bulchiinsa lafaa fi bulchiinsa itti fayyadamaa lafaa magaalaa Adaamaatti laatamaa xuree xumurameera.

Leenjiichi magaalaa Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaatti guyyoota kudhaniif laatamaa tureera.

Leenjicharratti itti gaafatamtoonni sadarkaa gadiirraa hanga naannootti jiran kuma 1 fi 500 ta’aan hirmaataniiru.

Sirna cufiinsa leenjichaarratti  preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi  Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeesituun Kilaastera Misooma magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saaniin akkasumas  anga’oonni olaanoon Naannoo Oromiyaa bakka argamanitti geggeeffameera.

Sirna kanarratti Obbo Shimallis Abdiisaa sirnoota darban keessaa lafti keenya saamamaa ture, amma garuu waa’een lafaa nuuf galee sirnaa fi abbummaan bulchuu qabna jedhan.

Ijaarsa seeraan alaa fi weerara lafaa babal’achaa jiru hambisuuf gaheen qaamolee hundaa murteessaa ta’uu himaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.