Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Barsiisotaa fi Dura Bu’oota Manneen Barnootaaf kennamaa Jira

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisotaa fi Dura Bu’oota Manneen Barnootaaf leenjii kennaa jira.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa maanuwaalii fi qajeelfamoota hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaa daree keessaa irratti Barsiisotaa fi Dura Bu’oota Manneen Barnootaaf leenjii kennaa jira.

Walumaagalatitti leenjitoota 3028 kan kennamu yammuu ta’u leenjiin kun akka Oromiyaatti Wiirtuu 7 irratti kennama.

Barsiisoota Afaan Oromoo kutaa 1 fi 2 kanneen barsiisan
Barsiisota Herreega kutaa 7 fi 8 kanneen barsiisan
Barsiisota Afaan Ingiliffaa kutaa 7 fi 8 barsiisaniif guyyaa marsaa jalqabaaf guyyaa 10f kennamaa jira.

Kaayyoon leenjii kanaa adeemsa barachuu barattootaa daree keessaa walitti fufiinsaan akkaataa kamiin madaalaa akka deemu fi hanqina mudate akkamiin furmaata itti kennaa deemuun danda’ama kan jedhu.

Akkasumas dura bu’oonni manneen barnootaa ammoo dhimma kana irratti deeggarsa kennaa akka deemaniif walumaan leenjiin kun kennamaafii jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.